Raadiyoomb Seenaa abaa bakrii


“Namni tokkollee tola nuuf hin oolle. Kan tola nuuf ooleefis, Harka isaa kan nuti hin deebi’iniif hin jiru, Abbaa Bakrii malee! Abbaan Bakrii galata inni nu biraa qabu, Rabbitu nurraa galcha Guyyaa Qiyaamaa. Waa na hin fayyadne qabeenyi tokkolle akka qabeenyi Abbaa Bakrii na fayyadetti’. “Osoo jaalalle godhachuun ka naaf hayyamamuutii Abbaa Bakrii jaalallee godhadha.” jedhan Rasuulli s.a.w.

Abbaan Bakrii nama sadrkaan isaa Rabbii fi Muslimtoota birattis ol fuudhame dha. Sababaa waan Nabi Rabbiiti s.a.w tumsef guyyaa namni isa xiqqeesse, Nama dhugoomse Nabi Rabbii, guyyaa namni isa kijibsiisee, Nama Rabbitti amane guyyaa namni itti kafare. Innii irra caalaa Sahaabaati. Wal dhabbii tokkoon maletti.

Aduun waa hin baane, Waallee hin dhiine, Erga Ambiyootaa fi Rusultootaati. Nama Abbaa Bakrii irra gaarii taherratti jedhama.

Inni warra dura amaneeti dhiirarraa, Nama iimaanni isaa iimaana ummata Muhammadiin s.a.w madaalamee caalee argameedha. Inni nama Rabbi sodaataa fii saalfataa tahe.

Dukkana wallaalaatiifi miidhaa irraa, nama uumaan isaa qulqulluu ta’e. Inni Lubbuu isaatii fi Diinagdeen, Tajaajilaa fi Arjoomaa diin islaamaatii fi ummata Islaamaati. Nama Nabiyyiin s.a.w isa filate akka saahiba isaa tahuuf, guyyaa Makka irra gara Madiinaa godaanan.

Erga Nabi Muhammad s.a.w du’anii booda Araboonni hedduun diin islaamaa keessaa bahan, Gandoota akka Xaa’if, Makkaa fi Madiinaa malee. Yeroo sanis Abbaa Bakriittu islaamummatti deebise.

Yeroo duraatiif Sahaabaa qur’aana walitti qabeedha, Diinagdeetti dantaa dhabaa fi Rabbiin kan hedduu Gabbaruu, sodaatu, kan heedduu of gadi qabuu fi waraanaaf hedduu duuleedha.

Koottaa! seenaa sahabdicha kanaatti hidhanne bulttii teenna itti fakkeeffanne miidhagfanna. Lubbuu teenna iimaanaan kunuunfanne aakiraalle jannataan badhaafamnnee, sahaabotaan olloomnaa.

Abbaan Bakrii erga bara Arbaa (Aamul Fiil) booda wagga lamaa turee biyya Makkaa gosa Teymii jedhamtu keessatti dhalate. Nama haala gaarii irratti guddifameedha. Ijoollummaa isaa irraa kaasee nama dandeettii dubbisuu fi barreessuu qabu. Zamana jaahiliyyaa keessa cubbuu (dilii) hedduu kessatti hin argamne, Farshoos hin dhuugne. Sababaa namticha farshoo dhugee machaahee, harka isaatiin udaan isaa laaqu erga argee laguu ofirratti godhe. Taabotaafis sujuudee (sagadee) hin beeku.

Yeroo tokko erga inni guddatee, booda Abbaan isaa Abu- Quhaafaan fuudhee gama siidaan (taabonni) jirutti geessenii, siidaan tun gabbaramtuu teeti gabbari jedheenii, biraa gara dhufetti deebi’e. Abbaan Bakri immo gabbaramtuu ykn siidaa san itti dhihaatee, “Ani Beelawaadha na nyaachisi, Dheebotaadha na obaasi, an daarawaadha na uffisi.” jedheen. Gabaramtuunis ykn siidaanis dandeetti takkayyu akka hin qabne bare. Waa takka isiin jalaa dubbachuu ykn homaa akka gochuu hin dandeenne sirritti beekee jennaan yeroma san dhakaa itti darbatee caccabsee biraa deeme.

Abbaan Bakrii gosa Teymii tan laaftuu lakkoofsi isaanii xiqqoo tahe irraa waan dhalateef, taaytaan wahiituu isaaf hin kennamne. Qabeenya xiqqoo qabuun daldala eegalee, qabeenya guddaa horate. Warroota dureeyyi keessatti lakkaawame. Tola oliinsa Rabbiitii fi akkasuma Amanamaa tahuu fi dhugaa dubbachuu isaatiin abbaa qabeenyaa beekkamaa tahe.

Qabeenya isaatiin warroota harka qalleeyyii fi yatiima (warroota maatiin isaanii irraa du’an) fi namoota miidhaman gama qabeenyaa, humnaa fi yaadaatiinis bira dhaabbataa ture. Toliinsa isaa irraa jaalalli ummataa guyyaa irraa gar guyyaatti dabalaa dhufe. Hamma irra jaalatamaa ummata Qureeyshii tahutti erga Nabi Muhammad s.a.w.


Islaamummaa Fi Abbaa Bakrii

Nabi Muhammad s.a.w osoo hin ergamin duras Abbaan Bakrii fi Nabi Muhammad s.a.w jaalala jabaa waliif qabaachaa turan.

Haala jarri lamaan itti wal fakkaatanin keessaa; Dhugaa dubbachuu, Amaanaa namaa tiiksuu, Dalagaa gaggaarii dalaguu, Namaaf quuqamuu, Rakkoo namaatif dhiphachuu fa’a. Nabi Muhammad s.a.w erga islamummatti haadha mu’mintootaa Kadiija intala Kuweylid yaamee, islamooytee, booda Abbaa Bakriis akkuma Rasuullii gara islamummatti yaameen islaamaye.

Erga diin islaamaa qabatee booda, Abbaan Bakrii gara amantaa islaamaatti nama hedduu yaamuu eegale. Namoota hedduttu yaaminsa Abbaa Bakriitin gara islaamummaa dhufe. Keessayyuu; Warroonni kurnan jannataan gammachiifaman keessaa, jaha harka isaa irratti amanan. Guyyaa Qiyaamaa Abbaan Bakrii hojii toltuu isaatii fi mindaa jara islaamsisuun argatellee qabatee dhufa.


Obsa Abbaa Bakrii

Erga Abbaan Bakrii islaamawee booda, Qureeyshiin dararaa fi hammeenya cimaa dhandhamsiisaani turte. Guyyaa sahaabonni namni lakkoofsaan soddomii saddeet kan gahan Nabi Muhammadiin s.a.w biratti walitti qabamanii jennaan, Abbaan Bakrii Nabi Muhammadiin kaanee islaamummaa teenya tana fuldura Qureeyshitti ifa haa goonu jedheen. Nabi Muhammad s.a.w yaa Abbaa Bakrii nuti lakkofsi keenna xiqqoodha jedhee dide. Abban Bakrii ofduuba deebii didee, Rasuula s.a.w kadhaan garaa laafifatee, amansiisuudhan yeroma san Sahaabonni fi Nabi Muhammad s.a.w wal qabatanii gara ka’baa deeman.

 Erga ka’abaa gahanii booda Abbaan Bakrii gara waltajjiitti olbahee ummata naannoo sanii gara islaamummatti yaamuu eegale.

Mushriktoonis battalumatti sochii ummata muslimaa arginaan, Abbaa Bakrii fi muslimtoota reebuu eegalan. Reebicha guyyaa saniitiin akka carraa ta’ee Abbaan Bakrii miidhamni guddoon isa qaqqabde (dhaqabde). Keessattuu nama Utbaa binu Rabii’aa jedhamuun hamma fuulli isaa jijjiiramee wallaalamutti tumame.

Boodaarra warri gosa isaa dhufanii dararaa jalaa isa baraaranii gara mana isaa geessan. Yeroo kanatti Abbaan Bakrii du’aa fi jiruun isaa waan addaan hin baraminiif, warri isa fide gosti isaa gara Qureeyshii deemun Abbaan Bakrii yoo kan du’uu, nullee Utbaa Ilma Rabii’aa hin dhiifnu, Ni ajjeefna, Dhiiga keenya dhiigaan deebifanna jedhanii dhaaddatan.

Gara mana Abbaa Bakrii deebi’anii dubbisuuf yaalanuu, inni garuu gaggabbii irraa kan ka’e dubbachuu hindandeenne hanga galgalaatti. Waan Raajii namatti ta’u immoo akkuma bayfateen gaggabsuu isaa irraa dammaqee haasawuu eegaleen, sagaleen jalaqaba afaan isaati baate, Haadha isaatin “Nabi Muhaammad s.a.w maal tahe kan.” jedhu ture. Haati isaas; “An hin beeku.” jetteenii deebisteef. Abaan Bakarii garuu obsa dhabe. Hamma Nabi Muhammad s.a.w maal akka ta’an barutti, nyaataa fii dhugaatii dhiisuu Rabbiif waadaa seene. Deemiiti Ummu Jamiilin Faaximaa intala Kaxxaab naaf gaafadhu jedheen. Waan Rasuulli ta’e s.a.w.

Haati isaa tole jettee gara mana Faaximaa deemtee, “Abbaan Bakrii; Nabi Muhammed s.a.w maal tahe jedhee si gaafata.” jetteen. Faaximaanis haati Abbaa Bakrii yeroo sanitti islaama waan hin tahiniif basaasummaaf dhufte jettee isii waan shakkiteef, Nabi Muhammadii fi Abbaa Bakriitis eessaa fi maalitti akka jiran hin beeku jettee deebisteef. “Garuu yoo ka si gammachiisu taate, si waliin deemee ilma kee gaafachuu danda’aa?.” jetteenii gaafii dhiheessiteef.

Hayyama haadha Abbaa Bakrii akkuma argatteen waliin gara mana Abbaa Bakrii deemte. Akkuma mana geettee Abbaa Bakrii argiteen, sagalee ol fuutee iyyaa “Rabbii kiyyatti kakadhe! warroonni akkana sirratti dalagan kun kafirtootaa fi warra karaa Rabbii irraa maqe. Aniin tun ni kajeela akka Rabbiin isaan irraa haloo (gadoo) siif bahu.” jetteen. Innis ka isa dhibe: waa’ee isaa osoo hin taane kan Nabi Muhammad s.a.w waan ta’eef, “Nabi Muhammad s.a.w maal ta’e?.” jedhee gafateen. Faaximaanis “Haati tee nu dhageetti. Akkamitti sitti himuu danda’a.” jetteen. Abbaan Bakrii deebisuudhaan.” haadha tiyya irraa homaa hin sodaatin.” jedheen. Isiinis “Nabi Muhammad s.a.w nagaha qaba hin dhiphamin. Hamtuun isa hin qunnamne.” jetteen. Abbaan Bakrii deebisee essaa akka inni jiru gaafateen. Isiinis akka ganda Arqam binu abii Arqam akka jiru itti himte.






Abbaa Bakri akkuma Nabi Muhammad s.a.w essaa akka jiru bareen, “hanga ijaan argutti nyaatas hin nyaadhu, dhugaatis hin dhugu, ka’aati bakka inni jiruun na gahaa.” je’een. Hanga namni rafuu eeganii fuudhanii deemaniin.

Nabi muhaammadiis Abbaa Bakriitiif waan dhiphamaa turaniif, Akkuma isa agareen Nabi Muhammad s.a.w itti maramee Abbaa Bakrii dhungate. Sahaabonnis faraqa faraqaadhaan ka’anii dhungatan .

Booda Abbaa Bakrii haadhaa fii abbaan kiyya fidaa kee haatahuu hin yaaddawin. Ani homaa hin taane. Waan kaafirtichi fuula na balleesse malee.
Isiin tun ammoo haadha tiyya tan ilma isiitiif tola ooltu tan taate. Akka Rabbiin naaf qajeelchu du’aa’ii naaf godhii fii islaamummatti naaf yaami je’een. Nabi Muhammadis s.a.w du’aa’ii godheefii haati abaa bakriitiis islaama taate.

Guyyaa tokko kaafirtichi maqaan isaa Uqbaa ilma Abbaa Mu’eeyxi kan jedhamu ka’abaa fuulduratti Rasuula s.a.w uffata isaatin eega hudhee booda, Abbaan Bakrii dhufee

أَتَقْتُلُونَ رَجُلًا أَن يَقُولَ رَبِّيَ اللَّهُ وَقَدْ جَاءَكُم بِالْبَيِّنَاتِ مِن رَّبِّكُمْ. غافر: ٢٨

“Sila ni ajjeftani? gurbaa Rabbiin kiyya Allah jechuudhaaf dhugumatti haala isinitti dhufee jiruun, ragoowaniin Rabbii keessan biraa!.” jedhaa irraa baase. (Suratu Gaafir 28)

Abbaa Bakrii Fi Bilisummaa Bilaal ilma Rabaah

Abbaan Bakrii osoo karaa deemaa jiruu, Gabricha sanyii gurraachaa kan ta’e Bilaalii ilma Rabaaha kan kaafirtichi Umayyaa ilma Kalaf ta’e reebicha gara jabeenyaatin oo’a Makkaa keessatti adabaa jiruu arge. Lubbuun isaa dararaa irraa kan ka’e bahuuf dhihaattus inni “Ahadun Ahadd.” jechuu irraa hara hingalfanne. ‘Sila Rabbii kee hin sodaattuu, Rahmata isaa hin gootuu?.” jedheen Abbaan Bakrii.

Yeroo kana Umayyaan ilmi Kalafis; “situu na jalaa balleesse. Yoo kan dandeettu taate mee dararaa kana jalaa isa baasi.” jedheeni itti dhaadate.

Abbaan Bakriitis dararaan kun diin Rabbii irraa isa kafarsiisa jedhee takkaa immoo ni ajjeesa jedhee, Ziqayyaa; albuuda Ziqiyaa irraa taate (qarshii yeroo san Makka keessatti tajajiltu) isii torbaa kafaluun bitate. Abbaan Bakrii kan isa biteef deebisee gabroomfachuuf osoo hin taane, Bilisoomee akka dhiibbaa tokko malee jiraatufi. Booda Umar waa’een Abbaa Bakrii yoo biratti kaafamu, “Inni caalaa keenna! akkasuma caalaa keenna kan ta’e, Bilaal ilma Rabaaha nuuf bilisoomse.” jedhaan.

Ummanni munaafiqtootaa Abbaan Bakrii wanti Bilaaliin bilisoomseef, waan inni galata biraa qabuufi malee Rabbiif jecha isa hin bilisoomsine jedhan. Rabbiin jecha munaafiqtootaa tan kijibsiiftu ayaata qur’aanaa suuraa leeylii laakkofsa 17-21 buuse.

وَسَيُجَنَّبُهَا الأَتْقَى (١٧) الَّذِي يُؤْتِي مَالَهُ يَتَزَكَّى (١٨) وَمَا لأَحَدٍ عِنْدَهُ مِنْ نِعْمَةٍ تُجْزَى (١٩) إِلاَّ ابْتِغَاءَ وَجْهِ رَبِّهِ الأَعْلَى (٢٠) وَلَسَوْفَ يَرْضَى (٢١) الليل: 17-21

“Namni Rabbiin sodaatu immoo ishee irraa fageeffamuuf jira. Kan qabeenya isaa qulqulleeffachuuf kennu. Haala isa bira nama tokkoof galanni galfamu hin jirreen (kan kennatu). Fuula Gooftaa isaa ol aanaa ta’e barbaachaaf malee (hin kennu).”

Ollummaa Rabbii Isaa Jaalatuu ykn Filatuu

Nabi Muhaammad s.a.w dararaan isaafi sahaabaatti, guyyaa guyyatti hammaataa deemaa jiraachuu argee jennaan, Sahaabota godaansaaf ykn kool galtummaaf gara biyya mootii Habashaa kan mirgi namaa akkaan biratti eeggamaa taatetti godhan hayyameef. Abbaan Bakriis godaansaaf ka’ee yeroo inni barkal gimaad jedhamu gahe, Namticha maqaan isaa ibni Diginnaa kan jedhamu caalaa /sayyida/ gosa qaarraa kan tahe fuulatti dhufee, gara Abbaan Bakrii deemutti jiru isa gaafate. Innis “warra biyya Makkaatu akka an Rabbii kiyya gabbaru na dhoorga. Kanaaf gara Rabbii kiyya itti bilisaan gabbaruu danda’utti deemaa jira.” jedheen.

Ilmi Diginnaatis haala isaa kan gaarummaa, amanamummaa fi haqa namaa eeguu isaa waan beekuf, “namni akka keetii kun biyyarraa baqachuun isaan hin maltu. Ati nama nama ofitti qabu, nama nama kabaju, kan aanaa maxxanfatu, kan miskiina gargaaru, kan keessummaa kabaju. Kanaafuu an nagaha si gochuu fedha. Tika kiyya keessatti jiraadhu.” jedhee fuudheeni gara ummata gosa qureeyshii geesseenii lallabee; “an Abbaa Bakrii tika kiyya keessatti nagaha godheenii jira. Isinis nagaha isaa godhaa.” jedheen.

Ummanni qureeyshis; “eega jette haa ta’u. Garuu Rabbii isaa yeroo gabbaru mana isaa keessatti haa gabbaru. Akka ilmaan teennaa fi dubartoonni teenna yeroo inni gooftaa isaa gabbaru arganii nurraa islaama hin taaneef jecha.” jedhaniin.

Ilmi Diginnaatis dhaamsa qureeyshii fuudhee Abbaa Bakriitin geennan, Abbaan Bakriis dhaamsa tole jedhee irraa fudhate.

Yeroo gabaabaa booda garuu masjiida ijaaree itti salaatuu fi qur’aana ol kaasee qara’uu eegale. Yeroo qur’aana qara’u waan booyuuf jecha dubartii fi ijoolleen laaluu eegalan. Halli kun garuu ummata qureeyshii waan rifachiiseef batttalumatti ilma Diginnaatiin, “Abbaan Bakrii haala inni tika kee jala jiruun tuquu hin jaalannu. Kabajaa keetif jennee, garuu ijoollee teennaafii dubartoota teennarratti waan nu sodaachiseef; jecha gara mana isaatti akka deebi’ee, Rabbii isaa gabbaru nurraa taasisi.” jedhaniin.

Ilmi Diginnaatis Abbaa Bakrii bira deemee, “ati waan irratti walii galle ni beekta. Kanaaf mana keetitti deebitee Rabbii kee gabbaruu ykn immoo tika kiyya jalaa bahuu keessaa tokko filadhu. Haala tika kiya jala jirtuun namni

si miidhee, akka Arabni saniin maqaa kiyya balleessitu hin fedhu.” jedheen. Abbaan Bakriis “ani Rabbii kiyya dhoksaan gabbaruu hin fedhu. Ifa baasee ykn dirree baasee gabbara. Kanaaf ati tikummaa kee narraa kaafadhu ykn fudhadhu. An tika Rabbii fedhaa.” jedhee deebiseef.

Sababaa Moggaafama Maqaa Siddiiq

Ummanni Makkaa dubbii nabi Muhammad s.a.w kan Israa’ii fi Mi’iraaj imala halkan tokko keessatti Makkaa irraa gara beytal Maqdasi fi beytal Maqdas irraa immoo gara samii taasifamte dhagahanii, dubbiin machaahanii Makkaan waliin gahan. Ummanni Qureeyshii akkuma dhagahaniin oduu sobaati jedhanii Nabi Muhamadiin s.a.w biratti walitti qabamanii, waan imala sanii irraa dhugaaf soba isii beekuuf gaafii egalan. Hammamuu imala isaa irratti waan isa adeemsa keessatti innillee inumaayyuu himeef waan arge garuu isaan hin dhugoomsine

Ummanni qureeyshii gara Abbaa Bakrii deemanii dubbii saahiba keetii kana ni amanttaa? jedhanii gafatan. Abbaan Bakriitis beeksisa ykn wahyii samii irraa itti buutee ni amanee, akkamitti imala Israa’ifi Mi’raaj hindhugoomsine? jedhee deebiseef.

Rasuulli s.a.w akka ummanni Makkaa hin amanin hubatanii Jibriiliin ummanni kiyya nan dhugoomsine jedheen. Jibriilis Abaa Bakriittu sidhugoomsa jedheen inni Siddiiqi. Siddiiqi jechuun dhugoomssa jechuudha.


Godaansa Abbaa Bakriitii fi Rasuulaa s.a.w

Nabi Muhammad s.a.w gara mana Abbaa Bakrii deemun akka Rabbiin godaansa (hijraa) eeyyameef itti hime. Abbaan Bakriis gammachuu guddoo gammaduu irraa kan ka’e booye. Osoo manarraa hin bahin Abbaan Bakrii yaabbii lama siinqii /galaa/ waliin qopheessee, yaabbii isaan lamaanii namticha kaafiraa Abdallah ilma Ureyqix kan karaa beekuun beekkame bira kaahee biraa deeme. Sana booda godaansa seenaa islaamaa keessaatti hanga har’aa Hijraa jedhamtee beekkamtu eegalan.

Rasuula s.a.w fi Abbaan Bakrii godaansaaf hanga gaara Sowrii gahanitti miilaan deemanii, gaara san keessatti goda wahii argan. Abbaan Bakrii goda seenee eega qulqulleessee booda boollowwan hedduu cufe. Garuu boolla takka waan ittiin cufu dhabee jennaan, faana miila isaatiin afaan gubbaa dhaabbatee cufe. Rasuulas s.a.w akka ol seenu affeere.

Nabi Muhammadis s.a.w erga ol seenee booda, mataa isaatiin miila Abbaa Bakriititii irkatee rafe. Osoo Nabi Muhammad s.a.w hirriba keessa jiruu Abbaa Bakrii qaawwa inni miilaan cufe keessaan miila isaa Jawween ykn Qajjibbuun ciniinte.

Abbaan Bakrii nyaatama (ciniinnaa) qaama isaa kana Rasuula s.a.w hirriba keessaa dammaqsuun waan itti ulfaateef jecha itti obse. Garuu qaama isaa irra inni hirriba Rasuulaa filatus, ijji isaa laalaa irraa kan ka’e imimmaan roobsuurraa caamuu hin dandeenye. Imimmaan ija isaa keessaa maddee fuula isaa irra akka lolaatti gadi yaa’ee, boqoo Rasuulaatti s.a.w gadi cobe. Yoo kana Rasuulli s.a.w hirribaa dammaqe. Imimmanahuu Abbaa Bakrii sababaa gaafate.

Abbaan Bakriis “Yaa Rasuula Rabbii ni ciniiname bar.” jedheen. Yeroma san Rasuulli lafaa utaalee ol ka’ee bakka inni ciniiname sanitti tufee jannatas isaa kadhate. Rabbiinis tuftoma kana dawaa godheefii fayyiseen.

Mushriktoonni ykn warri Rabbitti kafaran faana dhahanii dhufan. Hamma goda Rasuulli s.a.w fi Abbaan Bakrii keessa jiranitti. Abbaan Bakrii miila kafirtootaa argee, gara kaafirtootaa laalaa “yaa Rasuula Rabbii s.a.w tokkoon isaanii osoo gara miila isaanii gadi laalanii silaa nu argan.” jedheen. Rasuullis s.a.w haala Rabbii isaa dhugoonfataa taheen, “yaa Abbaa Bakrii maali seeteen tee nu lamaanitti haala sadaffaan keenna Rabbiin tahee jirutti jedheni. Rabbiin ijaa kafirtoota jalaa isaan haguuge.

Osoo aakkanatti jiranuu, Kaafirtichi Abdallaah ilmi Ureyqix dhufee isaan lamaan erga goda keessa guyyaa sadi bulanii booda fuudhee kara Madiinaa isaaniin deeme.


Jaalala Abbaan Bakrii Rasuulaaf Qabu

Yeroo karaa deeman Abbaan Bakrii dura Rasuulaa s.a.w darbaa, al tokko tokko immoo duuba isaanii, Moggaa mirgaa fi bitaa Rasuulatti s.a.w naannawaa deema. Rasuulli s.a.w gocha isaa kana arganii “maal taate Abbaa Bakrii?.” jedhanii gaafatan. Abbaan Bakriitis hamtuu irraa isaan eeguuf akka irra garmaamaa jiru itti hime. Yeroo dadhabbii irratti argu immoo bakka gaaddisaa barbaadee afeefii, Rasuula s.a.w ciibsee ofii isaatii taa’ee hamtuu irraa isaan eega.

Guyyaa tokko osoo isaan ciibsee eeguun; Tiksee re’ee tokko argee akka mallaqaan aanan isaaniif elmu gaafate. Aanan mucaan elmee kenneef Rasuulaa s.a.w geesse. Hamma hiribaa ka’uu eegee obaaseen.

Haala saniin deemanii Madiinaa gahan. Warri Madiinaas haala gaariin simannaa godhanii fi moggaa ganda Madiinaa bakka Qub’aa jedhamtu yeroof qubatan.


Sadarkaa Abbaa Bakrii Duula keessatti

Guyyaa duula badrii nama Rasuula Rabbi s.a.w eegu yeroo filatan kan Abbaa Bakrii caalaa itti amanan tokollee waan hinarginiif isa filatan. Akka Aliyyi ilma Abii Xaalib jedheetti Rabbiin isarraa haa jalatuu, “Abbaan Bakrii goota namaati! jedhe. Lola Badrii keessatti Rabbii guddatti kakadhaa, kaafirri tokkollee Rasuulatti s.a.w hin dhihaanne. Abbaan Bakrii nama Rasuulatti s.a.w dhihaatuuf deemu, morma isaa irraa muree karatti hanbisu malee.”

Ilmi Abbaa Bakrii kan Abdurahmaan jedhamu kaafira waan tureef waraana kaafiraa waliin loluuf dhufe. Lola Badrii keessatti Abbaa isaa Abbaa Bakrii yeroo argu irraa maqa. Gaafa islaama tahe akkana isaan jedhe; “Guyyaa duula badrii lola keessatti yeroo si argu sirraa maqaa ture. Siin loluu waan hin barbaadiniif jecha.” isaan jennaan Abbaan Bakrii ammoo akkana isaan jedhe. “Ani garuu osoo si argee si hin dhiisu si ajjeesa!.” isaan jedhe. Qur’aana irraa waayee kanaa suuraan dubbattu suuraa Towbaa ayata digdamii afur (24) fi suuraa Mujaadalaa ayata digdamii lama (22).

قُلْ إِن كَانَ آبَاؤُكُمْ وَأَبْنَاؤُكُمْ وَإِخْوَانُكُمْ وَأَزْوَاجُكُمْ وَعَشِيرَتُكُمْ وَأَمْوَالٌ اقْتَرَفْتُمُوهَا وَتِجَارَةٌ تَخْشَوْنَ كَسَادَهَا وَمَسَاكِنُ تَرْضَوْنَهَا أَحَبَّ إِلَيْكُم مِّنَ اللَّهِ وَرَسُولِهِ وَجِهَادٍ فِي سَبِيلِهِ فَتَرَبَّصُوا حَتَّىٰ يَأْتِيَ اللَّهُ بِأَمْرِهِ ۗ وَاللَّهُ لَا يَهْدِي الْقَوْمَ الْفَاسِقِينَ. التوبة: ٢٤

“Yoo abbootin keessan, ilmaan keessan, obboleeyyan keessan, niitiwwan keessan, firoonni keessan, qabeenyi isin horattan, daldalli isin hir’achuu ishee sodaattaniifi manneen isin jaallattan Rabbi, ergamaa Isaatiifi karaa Isaa keessatti qabsaa’uu irra gara keessanitti jaalatamaa ta’e, hanga Rabbiin murtii Isaatiin dhufutti eegaa.” jedhi. Rabbiinis ummata finciltoota hin qajeelchu.” (Tawbaa 24)

لَّا تَجِدُ قَوْمًا يُؤْمِنُونَ بِاللَّهِ وَالْيَوْمِ الْآخِرِ يُوَادُّونَ مَنْ حَادَّ اللَّهَ وَرَسُولَهُ وَلَوْ كَانُوا آبَاءَهُمْ أَوْ أَبْنَاءَهُمْ أَوْ إِخْوَانَهُمْ أَوْ عَشِيرَتَهُمْ ۚ أُولَٰئِكَ كَتَبَ فِي قُلُوبِهِمُ الْإِيمَانَ وَأَيَّدَهُم بِرُوحٍ مِّنْهُ ۖ وَيُدْخِلُهُمْ جَنَّاتٍ تَجْرِي مِن تَحْتِهَا الْأَنْهَارُ خَالِدِينَ فِيهَا ۚ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُمْ وَرَضُوا عَنْهُ ۚ أُولَٰئِكَ حِزْبُ اللَّهِ ۚ أَلَا إِنَّ حِزْبَ اللَّهِ هُمُ الْمُفْلِحُونَ. المجادلة: ٢٢

Ummata Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amananu, namoota Rabbiifi ergamaa Isaa morman odoma abbootii isaanii, yookiin ilmaan isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin firoota isaanii ta’anillee, kan (isaan keessaan) jaallatanu hin argitu. Isaan sana (Rabbiin) onnee isaanii keessatti iimaana barreessee jira; tumsa Isa irraa ta’eenis isaan jabeesseera. Jannatoota laggeen ishee jala yaatus achi keessaatti hafoo haala ta’aniin isaan seensisa. Rabbiin isaan irraa jaallateera; isaanis Isa irraa jaalataniiru. Isaan garee Rabbiiti. Dhagayaa! Dhugumatti, cifraan (gareen) Rabbii isaantu milkaawoodha.” (Mujaadala 22)

Gaafa lola Uhud yeroo sahaaboni cabanii gariin isaanii baqatan Abbaan Bakrii garuu akka gaarri dhabbatutti dhabate nabii irraa lolaa ture. Hijraa irraa ganna torbafaatti hoggantummaa dhan ganda banii Zahra /Banii Zahrataa\ jedhamu cabsee injifannoon gale. Guyyaa lola Tabuukis namni alaabaa Muslimtootaa qabatee deeme Abbaa Bakriiti ture. lola Huneeyni keessatti yeroo waraanni Muslimtootaa cabanii gara duubaa deeb’an warroota cinaa Rasuulaati osoo hindheesiin dhabbatee lole keessa tokko Abbaa Bakrii ti.

Guyyaa duula Tabuuk Rasuulli Rabbii s.a.w waan waraana ittiin geggeessinu kennadhaa jennaan Abbaan Bakrii mana isaa keessatti dinaara ykn dunyaa takkallee ufii isaatifi maatii isaatifis ossoo hin hanbisin diinagdee isaa keennate.

Yeroo san Umer iilmi Kaxxaab har’a Abbaa Bakrii caaluu qaba jedhee qabeenya isaa walakkeessa kenne. Akka Abbaan Bakrii caale arginaan inni har’a qofa nan caalle jedhe.

Guyyaa tokko Rasulli s.a.w sahabtota isaa hundarratti gadi bahee akkana isaaniin jedhe; “Hara’a eennutuu sooma oole.” jennaan Abbaan Bakrii ana jedhe. Eenutuu har’a miskiina gaafate nyaachise jennan, Ana jedhe Abbaan Bakrii. Eenutuu dhibama hoo gaafate jedhanii gafaannan. Ammas Abbaan Bakrii ana jedhe. Booda Rasuulli s.a.w.” namni guyyaa tokko keessatti waan kana cufa walitti qabate galanni isaa jannata male hin jirtu.” isaaniin jedhe.

Gaafa tokko Umar ilmi Kxxaab manguddittii ija hin qabne takka argee, Qarqaaruu fedhe. Yeroo inni nyaataa fi dhugaatii qabatee dhufu namni wahii isa dura geessee fi biraa deeme. Yeroo hundaa yoo inni nyaata fi dhugaati qabatee dhaqu namtichi sun isa dura geesse fi biraa deema. Namni yeroo hunda nyaataa fi dhugaati qabatee isiif isa dursee kennuuf enyuu akka ta’e beekuuf dhokaate eege, Yeroma kana Abbaan Bakrii mana manguddittii keessaa gadi bahu argee Umar boohee akkana jedhe, Rabbitti kakadhee ani tola tokko keessattillee si hin caalu jedheen.


Sadarkaa Abaa Bakri Nabi Biratti Qabu

Nabi Muhammad s.a.w akkana jedhe; Rabbii kiyya malee Osoo jalallee godhchuun kan naaf hayyamamu taatee silaa Abbaa Bakrii jaalallee godhadha. Garuu inni obbolessa kiyya nin jaaladha. Hulaan ykn balballi gara masajiidaa seensiftu takkalleen cufamtu malee akka hin hafne, Hulaa ykn balbala Abbaa Bakrii malee. Jechi Rasuulaa s.a.w kunillee sadarkaa Abbaa Bakrii muldhisuufi.

Rasuulli s.a,w waayee balbala jannaataa saddeet akka jirttu dubbatee jennaan Abbaan Bakrii akkana jedhee Rasuula gaafate sila hulaa saddeettan san namni tokkochi seenuu ni dandaahaa? Jedheen. Yaa Abbaa Bakrii atuu balbala saddeetan irrayyuu ni waamamta jedheeni isa gammachiise.

Rasuulli s.a.w dhibamee jennaan akka Abbaan Bakrii ummata Islaamatiin salaatu ajaje. Sababa saniif Abbaan Bakrii nama Nabi Muhammad s.a.w irraa bakka bu’ee yeroo duraatif osoo Rasuulli s.a.w lubbuun jiru ummata Islaamaa salaachise tahee argamee dha.

Yero muraasaan booda Nabi Muhammad s.a.w ni du’e. Sababa du’a Rasuulaatifis s.a.w dacheen ummata Islaamatitti dukkanoofte, Hamma waan dalagan wallaalanitti.

Abbaan Bakrii Nabi Muhammad s.a.w akka du’e baree jennan boohee boqoo isaa dhungatee “du’a Rabbi sitti murteesse duutee jirta yaa Rasuula Rabbii.” s.a.w jedhee karaa ummataa gargalee akkana isaaniin jedhe,.”namni Muhammadiin s.a.w gabbartan Muhammad s.a.w du’e, Kan Rabbiin gabbartan ammoo Rabbi yoomuu jiraataa dhahin du’u.” isaaniin jedhe. Ayata Qur’aanaa: Suuraa Al-Imraan 144 irratti dubbise ykn qara’e akka ummanni obssaan jajabaatuuf jecha.

وَمَا مُحَمَّدٌ إِلَّا رَسُولٌ قَدْ خَلَتْ مِن قَبْلِهِ الرُّسُلُ ۚ أَفَإِن مَّاتَ أَوْ قُتِلَ انقَلَبْتُمْ عَلَىٰ أَعْقَابِكُمْ ۚ وَمَن يَنقَلِبْ عَلَىٰ عَقِبَيْهِ فَلَن يَضُرَّ اللَّهَ شَيْئًا ۗ وَسَيَجْزِي اللَّهُ الشَّاكِرِينَ. آل عمران: ١٤٤

Taaytaa Qabachuu Abbaa Bakrii

Eega Nabi Muhammad s.a.w du’e guyyaa lammataa Umer ibnul Kaaxxab wal tajji irratti olka’ee eega Rabbii isaa faarfatee booda akkana jedhe.” Nabi Muhammad s.a.w du’ullee Rabbiin jidduu keessan karaa sirritti fakkenna isinii ta’e, daandii dhugaa isin agarsisee galma isin geessu isiniif dhiisee jira. Abbaan Bakrii nama Rasuula waliin guyyaa sadi goda keessa bule. Dhimma muslimtootaatti nama haqa godhatu waan taheef, tole jedhaatii harka isaa fuudhaa. Waadaa isaa seenaa.” jedheen. Ummannis yaada Umar fudhatanii Abba Bakrii tole jedhanii waadaa isaa galan.

Abbaan Bakrii booda wal tajji irrattti bahee akkana jedhe “aniin kun bulchaa ta’ullee irra caalaa keessani miti. Waan ta’eef; yo ani dogongore na qajeelchaa, yoo ani laaffadhe na jabeessaa. Dhugaa dubbachuun amaanaa tiysuu jedhama. Kijiba dubbachuun nama ganuu dha.” isaaniin jedhe.

Rasuuulli s.a.w hoggantummaa nama Usaamaa binu Zeydi jedhamuun waraana guddaa duula biyya Ruumif qopheesse osoo waraanni moggaa madiinaa keessaa hin bahin Rasuulli s.a.w dhibeen qabamee dhibeen itti hammattee jennaan waraanni karaa deebi’e. Du’aa fi jiruu isaa hubatuuf jecha. Nabi Muhammad s.a.w du’ee jennaan yeroma kana ummanni islaamaa diinii irraa garagalan, gariin isaani inumayyu murtaddii ykn amantii islamaa kan gadi dhiisan tahan, gariin immoo an nabiyyii dha ofiin jechuu eegalan, Kessattuu; kan akka Museylamatul Kazzaab. Ummanni hedduun immoo zakaa kennuu didan.

Abbaan Bakrii waraana Rasuulli s.a.w biraa du’an san duulaaf yeroo inni deebisee qopheessu, gararuum erguuf ummanni muslimaa dura dhaabbate. Ummanni Arabaatuu diinii keessaa fuula garagalfatee, akkam biyya biroo loluuf deemta. Dursa ummatuma kanaan loli ykn Usaamaa binu Zeydi umriin isaa xiqqaa dha hoggantumma nama isa aqlii fi beekkumsa lolaatin caaluu kenni jedhaniin. Yeroo kana Abbaan Bakrii dheekkamee (firinxiixee) nama Rasuulli s.a.w hoggana isaaf kenne irra mulqi naan jettu jedhee dide.

Abbaan Bakrii waraana iddoo kudha tokkotti hiree waraana Usaama binu Zeydi akkuma Rasuulli s.a.w hoggansa kennaniif innis isaaf deebisee gara biyya Ruumi duulsise, Kan hafan immoo biyya Arabaa kessa deebisee duulchise. Rabbis isaa tumsee waraanni kudha tokkoonu injifanno fi milkii goonfate. Sababa Abba Bakris Rabbiin diin islaamaa tikse.

Duula kanneen keessatti sahabonni qur’aana qomatti qabatan ykn haffazan hedduun dhumuu kan qalbise Umar ibnul-Kaxxaab, Keessattuu duula yamaamaa namticha an nabiyyi ofiin jedhu Museylamatul Kazzab kan jedhamu duula taasifame irratti eegdota qur’aana ykn hafiztoota qur’aana dhibba shan ta’an waan dhumaniif, Gara Abbaa Bakrii deemuun yaada qur’aanni haa iddoo tokkotti walitti qabamu jedhu kaase.

Abbaan Bakrii waan Nabin s.a.w keenya hin godhiin akkamitti rawwadhu naan jetta? jedhee diduyyuu, boodaa qur’aana walitti qabuun irra caalaa ta’uu barraan sahaabdicha Zeyd binu Saabit ka jdhamu kan wahyii Rasuulaa s.a.w irra barreessaa tureen akka walitti qabu ajajan. Qur’aannis akka yaadanitti walitti qabamee harka Abba Bakrii gale. Abbaan Bakrii duunaan harkka Umar ibnu Kaxxaab gale. Umar duunaan harkka Hafsaa intala Umar gale.


Rabbi Sodaachuu Abbaa Bakrii

Guyyaa tokko gabrichi Abbaa Bakrii tokko nyaata isaaf dalagee fidee fi eega inni nyaate booda gabrichi nyaata nyaatte essa akka fide beektaa? jedhee gaafateen. Hin beeku jedhee deebiseef. “Zabana jaahilummaa keessa namticha tokkoo sobaan raageefi jennaan yeroo san mallaqa naaf hin kennine ture, har’a naaf kennee jennaan mallaqa saniin bite nyaata siif dalagee fide.” jedheen. Yeroma san Abbaan Bakrii quba kokketti of naqee waan nyaate uf haqqisiise, sodaa Rabbitif jedhee.


Du’a Abbaa Bakrii

Abbaan Bakrii guyyaa qabbanaa tokko bishaan qorraan qaama dhiqatee leydaa ykn qaxaxxeen qabame. Hanga guyyaa kudha shanii mataa olqabachu dadhabnaan adunyaa irraa garaa murate.

Abbaan Bakrii Bara godaansaa irraa waggaa 13ffatti dhukkubsate jennaan dhibee san irraa akka hafuu hin dandeenne baree, Akka Umar ibnul Kaxxab bakka isaa bu’u fedhee warroota dhimmii isaan ilaaluun mari’ate. Hunduu yaada isaa irratti waliigalan. Erga dhimma bulchiinssa islaamaa karaa qabsiisee booda Abbaan Bakrii Aayshaa waamee namni ani maatii kiyya irra sicaalchisee jaladhu hinjiru oorruu dhugaan sif kennee ture garu gochi sun na qubsaa hinjiru. Oorruu san diinagidee dhaalma maatii keessa olchi jedhaniin. Isiinis ajaja isaanii tole jettee fudhatte.

Abbaan Bakrii erga angoo qabate waan diinagidee isaa irratti dabalame cufa lalchisee kan argame hundaa ofirraa gara Umar erge. Akka nama bulchaa tokkootti nyaata gaariifi dhugaatii gaarii sooratee osoo hin dhugin qabeeyna tokkollee osoo bu’aa ofiitiif hin olfatin yoo Rabbi sodaaf malee maaliif ta’a ture?

Umaris gabra biyya nuubii Gaala bishaan obaasuufi uffata buburree Abbaa Bakrii irraa ergamte argee jennaan booyee imimmaaniin dachii akka titiifuu roobaatti lafa jijiisaa Abbaan Bakrii Rabbi irraa haa jalatutii dhugumatti ba’aa gudda baachisee jira nama isa boodaan jiru jedhe.

Dhibeen itti jabaatee jennaan Abbaan Bakrii guyyaa keessa jiru guyyaa kam akka ta’e namoota isa cinaa jiru gaafachuun akka guyya Wiyxataa ta’e addaan baafate yoo guyyaa Wiyxataa kana du’e boriin na hin eeginaa rasuulatti kalaayuu jaladha jedhee dhaamate. Duuti keennaa Rabbiin ilma namaatiif qoode kan ganamaa waan ta’eef Abbaan Bakriis du’uun dirqama itti taate. Guuyyaa wiyxata bara godaanssa ykn hijraa irra ganna kudha sadihitti aduyaa tanarraa boqate.




Leave a Comment